QEERROO Read Count : 130

Category : Photo

Sub Category : N/A
Egaa akkuma beekamu seenaa mana hidhaa lakkoofasa 10 maqaan isaa Awuziin/Gaashiree/ Jeneraal Taaddasaa Birruu itti hidhamaa ture kutaa tokkoffaa keessatti barreessuu jalqabeen ture.Itti aansudhaan ammas kunoo kutaa 2ffaa qabadhee dhufeera.seenan kun bifa lamaan kan wal bukkeedhan barreeffamaa jiru waan ta'eef seenaa mana hidhaa lakkoofsa 10ni fii sochii warraaksa biyyoolessaa kan ani akka dhuunfaa kootti hirmaannaa godhes dabalatee sochii warraaksa biyyoolessaa kana keessatti maaltu ta'e?manni hidhaa lakkoofsa 10 jalqabni isaa fii dhimni isaa hoi maal ture kan jedhu hunda irratti xiyyeeffadhee baqonnaa boqonnaadhan amman danda'etti dhiyeessun barbaada.

Jeneraal Taaddasaa Birruu hojjataa ol aanaa mootummaa Hayilasillaasee ta'ee hojjachaa otuu jiruu sochii inni oromummaa isaatif taasiseen yeroi irraa yerootti maqaa gantoota tokko tokkootin yakkamee yeroo adda addaatti mana hidhaa warra habashaa keessatti dararamaa akka ture kan beekamudhu.yeroo sanatti Jeneraal Taaddasaa Birruu mootummaa Hayilasillaasetiif nama baayyee amanamaa waan tureef akkasumas Taaddasaa Birruu maqaa isaatin warra habashaa waan fakkaatuf qondaaltotni habasaa baayyee amantii guddaa irraa qabus ture.Jeneraal Taaddasaan garuu quuqama saba isaa waan qabuuf sochii oromummaa jalqabuudhan sirna moitummaa sanaa keessa taa'ee waan gurguddaa hojjachaa ture.Hojiin isaa keessatti mootummaan Hayilasallaasee ummata oromootin diina guddaa akka ta'ee fii sirnichi fonqolchamuu akka qabu waan itti amaneef namoota yeroo sana ciccimoo ta'an hundeessudhaan sochii dhoksaa jalqabanii yeroo gabaabaa keessatti miseensota hedduu gurmeessan.

Egaa akkuma beekamu Jeneraal Taaddasaan biyya somaaliyaa yeroo ammaa Somaliland jedhamtu magaalaa Zeylatti hidhamee waraanni Biyya Ingiliz yeroi sana biyya sana keessa ture Jeneraal Taaddasaa mana hidhaa Zeeylatti arganii sammuun isaa baayyee cimaa waan tureef leenjisanii waraana isaanitti dabaluuf gara magaalaa Bombaasaa biyya Keeniyaatti erguudhan leenjii akka fudhatu taasisan.

Jeneraal Taaddasaa Birruu nama magaala ifaa yommuu ta'u jarjara tokko malee nama yaada isaa namaaf ibsu ture.Jeneraal Taaddasaan bara Xaaliyaan biyya Ethiopiatti duulte Abbaan Jeneraal Taaddasaa birruu nama qotatee bulu yennaa ta'u dirree waranaa irrattis nama beekamaa ture.bara Xaaliyaani akkuma duuletti dirree waraanaa irratti waan wareegameef haati manaa isaa jechuun harmeen Taaddasaa Birruu otoo gadda abbaa mana ishee irra jirtuu rasaasa waraanni Ethiopia fii waraanni xaaliyaan walitti dhukaasaa turaniin waan wareegamteef Taaddasaa birruu haaloo bahuuf barnoota yeroo sana hordofaa ture dhiisee xaaliyaanotatti duuluf dirree waraanaa seene.

Erga Xaaliyaan mo'atamee biyyaa bahee booda qabsoon inni maqaa Ethiopiatiin geggeeffamaa ture gara qabsoo oromoitti akka jijjiiramu Jeneraal Taaddasaan garee ijaarudhaan waldaa maccaa fii tuulamaa hundeesse.

Maccaa fii Tuulamni obboleewwan waan turaniif yeroo sana walitti bu'insa sanyiilee lamaanii dhaabuf Taaddasaan waldaa maccaa fii tuulamaa hundeesse.

Akkuman kutaa 1ffaa keessatti ibseen sochii biyyoolessaa oromiyaa keessatti geggeeffamaa ture ilaalchisee dirqama sabaa fudhannee gara baha oromiyaatti akkuma imalleen haala sochii naannoo sana keessatti geggeeffamaa ture keessatti qooda fudhachuudhan sochii gurguddaa geggeessas turreerra.sochii sana keessatti balaa uumamu hunda fudhachuudhan dhuma irratti Mana hidhaa maqaan isaa Awuziin ykn Gaashiree jedhamu kan bara Hayilasillaasee Jeneraal Taaddasaa Birruu itti hidhamaa ture mana hidhaa lakkoofsa 10 keessatti hidhamuuf carraa argadhe.maalif hidhamte?manni hidhaa kutaan Lakkoofsa kudhan maal fakkaata jettanii na gaafachuu barbaadduu?
Seenaa mana hidhaa sanaa fii haala jiru hunda ija kiyyaan waanan argeef seenaa dhugaa hunda barreeffamaan isin biraan gahuuf waadaa oromummaa isiniif seena.

Seenaan ammaan dura kutaa tokkoffaa keessatti barreessen komiin tokko tokko tureera.lnnis seenaan kun kan keeti moo kan Jeneraal Taaddasaa Birruuti jedhanii warri na gaafatanis jiru.ani seenaa koo barreessuf otoo hin ta'in waantan ija kootin arge barreessuf akka haalan keessa darbee seenaa kana ija kiyyaan arge barreessun dirqama waan natti ta'eef malee seenaa kana akka seenaa dhuunfaa kootti barreessuuf yaadee miti.

Comments

  • gaaridha

    Oct 02, 2017

Log Out?

Are you sure you want to log out?